Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Qaamni nageenya kabachiisu warra saba shororkeessu kanarratti tarkaanfii ha fudhatu’ Ajaja Keeniyaattaa


Pirezdentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa qaamni nageenyaa biyyattii warra shororkeessitoota irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajan.

Dhimma rakkoo nageenyaa Keeniyaan qabdu ilaalchisee Pirezdentiin Keeniyaa Uhuuruu keeniyaattaa miseensota kaabinee fi angawoota mootummaa biyyattii waliin mariyatanii harra murtee dabarsanii jiru.

‘Qaamni nageenya kabachiisu warra saba shororkeessu kanarratti tarkaanfii ha fudhatu’ Ajaja Keeniyaattaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00


Mareen booda ibsa magaalaa Mombaasaatti kennaniin Keeniyaattaan qaamole naga kabachiistota biyyattii warra hidhata shororkeessitootaa waliin qaburratti tarkaanfii akka fudhatu ajajanii jiru.

Keeniyaattaa keessumaa warra biyya keessa taa’anii hojii kanarratti bobba’an to’annoo jela ooluu qabu jedhan.

Keeniyaattaan dubbii isaaniitiin lammileen biyyattii kutaa bulchiinsa Lamuu fi Mandeeraa keessa jiraatan sababa shororkeessitootaan boqonnaa akka dhaban dubbatanii, gabaasa guutuu ajaja tarkaafii harra dabarsan kanaas hagayya keessa akka eeggatan akeekkachiisanii jiru.

Dubbii isaanii kanaan waan malaammaltummaa biyyaattii jeeqaa jiruus dubbataniiru, Keessumaa koomishinii poolisii biyyaattii ka gaggeessaniif ajaja yoo dabarsan qondaaltota poolisii malaammaltummaa hojjetan bakka jijjiiruu odoo hin taane hojiirraa ariyuu qabdaa jechuun itti himan.

Keeniyaatti gareen alshabaab yoo hedduu balaa kan geessisu yoo tahu, dheengadda amajjii 6 bara 2020 buufata loltoota US America fi Keeniyaan waliin gargaaraman ka lamuutti argamurratti haleellaa bane loltuu Ameerikaa tokkoo fi hojjettoota Peentagoon lama ajjeesuun isaa ni yaadatama.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG