Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasiin Chaayinaa Keessatti Lubbuu Glaafate Addunyaaf Iyyu Sodaachisaa Ta’uun Ibsame


Chaayinaa keessatti vaayrasiin Korona jedhamuun lakkofsii namoota du’anii 6 ga’uun ibsamee jira.Biyyatti keessatti akkasumas naannoo daangaatti namoonni haaraa vaayrasiin qabamuun dabalaa adeemuun kun sadarkaa addunyaatti weerarri kun hammaachuuf jira sodaa jedhu uumee jira.

Komishinni waa’ee fayyaa uummataa kan guutummaa Chaayinaa wiixata kaleessaa akka labseetti vaayrasiin dhukkuba qorra sombaa nama qabsiisu kun nama irra gara namaatti dabruu kan danda’uu yoo ta’u Beeleedaalee irraa gara namaatti garu hin dabru jedhamee jra.

Chaayinaa keessatti du’uun isaanii kan ibsame namoonni 6 magaaluuma tokko keessatti ta’uun ibsamee jira.

Kanneen vaayrasii kanan qabaman walii galaan 291 ta’u fi kanneen keessaa 15 hojjattoota tajaajiila eegumsa fayyaa ta’uun ibsamee jira.

Irra hedduun jarreen kanaa magaaluuma namonni 6 keessatti du’an sana keessa jiraatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG