Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaada Akka Foyya’uuf Dhiyaatan Mara Ripaablikaanonni Fudhatama Dhabsiisan


Prezidaant Traampiin aangoo irraa buusuuf Yakka ilaalcha Kibxata waaree boodaa jalqabee hanga walkeessaa halkaniitti sa’atii dheeraaf sirna gaggeefamee booda Seeneetnii Amerikaa Robii har’a falmii bakka bu’oota miseensoota mana marii kanneen Traamp aangoo irraa bu’u qaba jechuun falmii dhiyaatu dhaggeefachuuf jira.

Kibxata kaleessaa walakeessa halkanii booda sa’atii lama eega darbee sagalee 53 fi 47 ta’een seeroota adeemsaa kan hogganaan sagalee yayyabaa kan Ripaablikaanootaa Miich Mak Konnel dhiyeessan raggaasiisan.

Sagaleen kenname kun yaada akka foyya’uu Deemkraatonni dhiyeessan irratti falmii dheeraatu gaggeeffame.Kunis ragaalee waamanii dhiyeessuu akkasumas raga ba’iinsa aangawoota bulchiinsa Traamp dhaggeeffachu kan jedhu of-keessaa qaba.

Kunis aangawoota koree birkii kan mana marii Yunaaytid Isteetesiin qorannaa gaggeeffame irratti dhiyaachuuf gaafatanii Waayit Hawusiin dhorkaman of keessaa qaba.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG