Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoota Hanga Tokko Irra Uggura Imalaa Kaa’uuf Jirra: Prezidaant Traamp


Bulchiinsii Traamp maqaa biyyoota torba tarree ugguura imalaa keessa seensisuuf karoorfachuu isaa dhaabata oduu polotikoo gabaasee jira.

Waa’ee kanaa prezidaantiin Yunaaytid Isteets Donaald Traamp Daavos Swizerland keessatti polotikoof akka ibsanti nutis ta’e biyyi keenya nagaa ta’u qaba jedhanii waan addunyaa irratti ta’aa jiru argaa jirtu jedhu.

Kanaaf uggura imalaa jabaa qabnuu biyyoota hanga tokko irra keenyee itti dabaluuf jirra jedhan.Biyyonni kun isaan kam akka ta’an garu Traamp hin ibsine.

Gazexaan Polotikoo jedhamu akka jedhutti maqaan biyyoota kanaa Wiixata dhufu ibsamuu mala jedhee biyyonni torban uggurri imalaa irra ka’amuuf jiru kun Belaarus, Ertraa, Kyrgizistaan, Mynamar, Naayjeriyaa, Sudaan fi Taanzaniyaa ta’u ibse.Wall street Jornal akka gabaaseetti uggurri imalaa kun gosa Vizaa kennamu irratti adda addummaa qabaata.Tarkaanfiin kunis hariirroo Amerikaa fi biyyoota uggurri imalaa irra ka’amu gidduu jiru hadheessuu mala jedhamee jira.

Gama kaaniin Amerikaan bara dabree jechuun 2019 keessa biyyoota shoroorkeessoota faccisuuf jecha duula gaggeeffamuu keessatti wal ta’iinsa hin agarsiifne jechuun tarreesitee turte keessaa Ertraa baasuun ishee ni yaadatama.

Naayjeriyaan biyya Afrikaa keessatti dinagdee guddaa qabduu fi duula shoroorkeessoota irratti gaggeeffamuun michuu Amerikaa kan turtee akkasumas lammiwwan ishee hedduun Ameerikaa keessa jiraachuun beekamu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG