Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaa Keessatti Lakkobsii Namoota Vaayrasii Koronaatin Du’anii Dabalaa Jira


Chaayinaa keessatti Vaayrasii haaraan Koronaa jedhamu lubbuu nama 17 galaafachuu isaa aangawoonni tajaajiila eegumsa fayyaa ka biyyatti beeksisanii jiru.

Duraan lakkofsii namoota du’anii 9 ta’uun eega ibsamee booda al tokkoon 17 ga’e jedhama.Kanas kan labse komishiina fayyaa Chaayinaa yoo ta’u kunis aangawoota kutaalee waabeeffachuun akka ta’e sabaa himaan mootummaa beeksisee jira.

Angawoonni akka jedhanti duutii kun kutaa Chaayinaa Hubee keessatti kan dhaqqabee yoo ta’u namoonni 440 kutaalee biyyatti 13 keessatti vaayrasii kanaan qabamuun isaanii ibsamee jira.

Jaarmayaan fayya addunyaa walgahii hatattamaa har’a gaggeessaa ituu jiruu namoonni haganaa du’uun isaanii gabaafame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG