Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Walgahiif Amerikaan Ala Jiraatan Iyyu Yakka Ilaalchi Irratti Gaggeeffamu Itti Fufee Jira


Prezidaant Traamp irratti yakka ilaalchii gaggeeffamaa kan jiru ta’uus prezidaantichii walgahii waa’ee dinagdee addunyaa irratti dubbatuuf Daavos swizerland keessa jran.

Traamp walgahicha xumuranii as gara Amerikaatti ituu hin ka’iin duraariitiin tuuta oduuf ibsa kennaniin waa’ee dinagdee Amerikaa irratti qiyyqqfachuuf yaalaa turan.

Tuuta oduu Waayit Hawuus kan prezidaanticha waliin gamasitti imaleef ibsa har’a kennan irratti Daayreekteera walii galaa kan jaarmayaa daldala addunyaa Robertoo Azevedo afeeran.Kunis seera daldala addunyaa irratti jijjirama fiduuf Traamp kan gumaachan akka ibsaniif ture.

Jaarmayaan daldala addunyaa waggootii dheeraaf Amerikaaf ilaalcha gaarii hin qabu ture jechuunTraamp Dubbatan.Angawoonni jaarmayaa kanaa torban dhufu ykn torban lama keessatti Waashingtan dhufuun Traamp jaarmayaa sana keessatti jijjirama argamsiisan jedhame aangawoota Amerikaaf ibsu jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG