Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Du’a Koobii Brayaantitti Hedduu Rifate


Namoonni naannoo addunyaa jiran taphataan kubbaa Kaachoo beekamaa Koobii Braayaant balaa helikoopteraan du’uu ilaalchisee gadda itti dhaga’ame ibsaa jira. Koobii Braayaant ga’eessa waggaa 41 ture.

Bryaantii fi intalli isaa umuriin wagga 13 Giannaa-n kanneen dugdee magaalaa Los Anjelestti du’an keessaa ti. Ennaa balaan sun irra ga’e dorgommii tapha kubbaa Kaachoo kan dargaggootaa irratti argamuuf ilalaa turan.

Bryant heddummina traafikii magaalaa sanaa irraa maquuf jecha manaa isaatii gara tapha sanaatti imaluuf helikoopteraan balal’iuu isaatu himame.

Poolosiin konyaa Los Anjeles qornnaan angawoota federaalaa waliin geggeessamaa waan jiruuf uummati bakka balaa sanaa irraa akka fagaatu gaafatee jira. kana ilaalchisee qophii spoortii irratti gabaasa bal’aa qabna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG