Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Vaayresii Haaraa Uumame Ittisuuf Tattaafataa Jirti


Muummichi ministeera Chaayina Li Kekiiyaang vaayresii haaraa uumame kan kornoo’aa jedhamuuf namoota 81 galaafate ittisuun akka danda’amu qorachuuf jecha har’a magaala Wuhaan daawwachuu dhaan angawoota eegumsa fayyaa waliin wal arganii jiran.

Wuhaan bakka vaayresiin kun itti ka’e yoo ta’u ummati achi jiruu fi magaalaalee heduu keessa keessaa ennaa mootummaan vaayrisichi akka hin facaane ittisaa jiru kanatti asii fi achi akka hin sochoone uggurri cimaan irra kaa’amee jira.

Lakkoobsi boodana angawoota eegumsa fayyaa Chaayinaan beeksisame namoonni 2700 vaayrisii kanaan qabamuu ifa taasisee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG