Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Vaayresiin Koronaa Addunyaaf Sodaachisaa Ta’uu Akeekkachiise


Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Vaayresiin Koronaa Addunyaaf Sodaachisaa Ta’uu Akeekkachiise

vaayrisiin haaraan Chaayinaa keessaa ka’e kan Korona jedhamu addunyaa irra faca’uun isaa dhimma hatattamaa kan eegumsa fayyaa sadarkaa addunyaa ti. Dhimma cimaa waan ta’eef deebii qindaa’e kan sadarkaa addunyaa barbaachisa jechuu dhaan jarmayaan fayyaa addunyaa beeksisee jira.

Bulchiinsi Traamp lammiiwwan Ameerikaa gara Chaayinaatti akka hin imalle akeekkachiisee jira. Ministriin dantaa alaa illee ibsa imala dhorku kan sadarkaa 4ffaa baasee jira.

Briteen har’a vaayresiin sun biyya ishee keessatti argamuu gabaastee jirti. Maatii tokko keessaa namoonni lama qabamuu fi vaayresiin Korona keessatti argamuu angawaan eegumsa fayyaa Inglaand Kris Whitty beeksisaniiru. Namoonni lamaan wal’aansa eegumsa fayyaa kan addaa fudhataa jiru jedhan. Hindii fi Filippiins illee vaayresiin kun biyya isaanii keessatti argamuu beeksisanii Austraaliyaa, Kanada, Fiinlaand, Jarmaniii, Hong Kong, Jaappaan, Neeppaal, Singaapoore, Kooriyaa Kibbaa, Taayilaand, Tokkummaa Imretora Arabaa Veetnaam illee vaayresiin kun biyya isaanii keessatti argamuu gabaasanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG