Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinni Sidaamaa Komee Dhageesisaa Jira


Faayilii - Filannoo Hiree Murteeffannaa Naannoo Uummattoota Kibbaa, Godina Sidaamaa
Faayilii - Filannoo Hiree Murteeffannaa Naannoo Uummattoota Kibbaa, Godina Sidaamaa

Bulchiinsa naannoo Sidaamaa gurmeessuuf qophiin kan godhame ta’uus qabeenya hirachuu fi kanneen faffaakaatan irratti Federaalaa fi mootummaa uummattoota gama Kibbaa giddutti dhimmootiin xumuura argachuu qaban waan hindhumneef danqamuu isaa Godinni Sidaamaa beeksisee jira.

Bulchiinsa godina Sidaamaa keessatti itti gaafatamaa preesii kan ta’an Obbo Gannanee Abarraa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti hojii kana bulchiinsii baatii lama keessatti xumuruuf akka jiru kan beeksisee ta’uus kun ta’u dhiisun qeeqa hordofsisaa akka jiru ibsan.

Waggootii lamaan darban dhimmi kanaan qabamanii waan turaniif ajandaan Misooma ilaalcha ituu hin argatiin hafuu isaan misoomnii hawaasaa fi dinagdee irratti dhiibbaa geesisee guddaa ta’uun ibsamee jira.

Hundeeffama naannoo haaraa kana kan ilaaleen aangawoonni Sidaamaa godiina Gede’oo, Burjii fi Amaaroo waliin akka dubbataniif mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad ajaja kennaniiru jechuun oduun faca’aa jiru soba akka ta’ee ibsanii mirga Heera irra ka’ameen kan xumuuramu ta’uun ibsamee jira.

Sidaamaan bulchiinsa naannoo ta’uuf sagalee uummataa mirkaneessuun isaa ni yaadtama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG