Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Prezidaant Traamp Ertiraa Dabalatee Biyyoota Ja’a Irra Uggura Immigireeshinii Kaa’uu Isaa Beeksise

“Sadarkaalee tika-nagaa hin guutne” jechuudhaan kanneen aangawoonni Yunaayitid Isteetes farrajan – dabalataan biyyoota ja’a irra, uggura immigireeshinii akka kaa’u bulchiinsi prezidaant Traamp beeksisee jira.

Imaltoota yokaan godaantota biyyoota ja’an – jechuun Kirgistaan, Maayinamaar, Ertiraa, Naayijeeriyaa, Sudaanii fi Taanzaaniyaa irraa gara Yunaayitid Isteetis deeman, Viizaa isaanii yokaan ehama ittiin seenan irra uggurawwan tokko tokko akka kaa’uuf jiran dubbatan – aangawoonni Yunaayitid Isteetis.

Taarkaanfiin ugguraa amma biyyoota ja’an irra kaa’ame kun, ka duraan Prezidaantichi Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traamp biyyoota biroo irra kaa’anii turanii fi “biyyoota Musliimaatti xiyyeeffatanii tarkaanfii kana fudhatan” jedhamee, biyyota Addunyaa irraa, akkasumas, namoota siyaasaa Ameerikaa hedduu irraa qeeqa hedduu isaanitti fide irraa, akaakuu isaatiin adda akka tahe tu dubbatame.

Prezidaant Traamp labsii uggurichaa irratti Jimaata dhufu eega mallatteessanii booda Guraandhala 20 2019 yokaan akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Guraandhala 12 bara 2012 irraa jalqabee akka hojii irra oolfamu himamee jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Bulchiinsi Prezidaant Traamp Ertiraa Dabalatee Biyyoota Ja’a Irra Uggura Immigireeshinii Kaa’uu Isaa Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:29 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG