Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haati Warraa Muummee Ministiraa Lessuutuu Ajjeechadhan Shakkamaa Turan Himannaan Irratti Baname


Giifti duree Lessuutuu isaan dura turan ajjeesuutti shakkamanii baatii tokkoof kan barbaadamaaa turan – Giifti-dureen biyyattii kan ammaa - Maahesaayaa Taabaanee har’a poolsiin qabamanii himannaan itti kennamee jira.

Giifi-dureen duraanii – Mrs. Taabaaneen, bara 2017, muummichi-ministaraa Toomaas Taabaanee muudamuu guyyaa lama dura, magaalaa galma-mootummaa biyyattii – Maaseruu keessatti itti dhukaasamee ajjeesaman. Yeroo sanatti Giifi-dureen duraanii sunii fi muummichi-ministaraa lola hadhaawaa keessa turan. Muummichi Ministaraa sun, Maahesaayaa waliin jiraataa turan.

Garuu, haati-warraa Muummicha-ministaraa biyyattii kan hamama kun qabamuun, rakkoolee hedduu naannoo Muummicha-ministaraa sanatti mul’atu furuu hin danda’u – jedhu – namoonni siyaasaa biyyattii.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG