WAASHINGITAN, DIISII —
Hidha laga Abbayaa ilaalchisee mariin Itiyoophiyaa Masrii gidduutti Guraandhala 12 fi 13 geggeessamaa ture walii galtee irra utuu hin ga’amin xumuramuu isaa Ameerikaatti ambaasaadderri Itiyoophiyaa Fitsuum Araggaa beeksisaniiru.
Ministeerri dhimma maallaqaa Yunaayitid Isteetis fi prezidaantiin baankii addunyaa marii geggeessame irratti taajjabdummaan argamaniiru.
Jiloonni Masrii, Itiyoophiyaa fi sudaan akkaataa dhimma fayyadama bishaan laga Abbayaa ilaalchisee gara fuula duraatti kan itti fufu ta’uun ibsameera.