Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maayik Pompeeyoo Biyyoota Afrikaa Sadii Dawwachuuf Jiru 


Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Maayik Pompeeyoo dhuma torban kanaa dawwannaa biyyoota Afrikaa sadiitti gaggeessuuf jiran Seneegaalitti jalqabuuf jiru.

Amerikaan biyyoota Afrikaa Dhiyaa waliin daldala, godaansaa fi Demokraasii kan ilaaleen hariiroo yeroo dheeraa qabaataa turte.Keessumaa

michooma isaanii kana keessatti waa’een nageenyaa dhimmi ijoo walitti isaan hidhe ta’e jira.Garu Amerikaan humnootii ishee kutaa sana keessaa baasuuf karoorattee jirti gabaasni jedhu qeeqa hordofsisaa jira.

Dawwannaan pompeeyoo haala kana ilaalchisee ejjennaa Amerikaa qabdu ni ibsa jedhamee eegama.Dhimmi nageenyaa kan ilaaleen marii pompeyoon gaggeessuuf jiranti dabalata Amerikaan senegaal waliin walii galtee daldalaa fi invastmentii jiru babal’isuuf haala dandeesisuu irratti hogganoota daldalaa waliin dubbatuu jedhamee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG