Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoota Afrikaa fi Vaayrasii Koronaa


Biyyonni Afrikaa martinuu sodaa vaayrasii Koronaaf jecha qorannaan gaggeessan jabeessaa yeroo jiran kanatti namnii yeroo jalqabaaf vaayrasii kanaan ardii Afrikaa keessatti qabame labsamuuf jira.

Waaltaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa kan Afrikaa vaayrasiin kun Afrikaa seenuun hamaa ta’u akeekkachisee jira.Addunyaa irratti namoonni kuma jaatamii afuur vaayrasii Koronaan qabamuun mirkanaa’ee yeroo jiru kanatti biyyonni Afrikaa hojjattoota eegumsa fayyaa leenjisuuf muddamaa jiran.

Angawoonnii akka jedhanti dirreelee xayyaaraatti qorannaa gaggeessuun biyyoota Afrikaa 54 keessatti laaboraatorii qorannoo qindeessuuf yaalaa jiru.

Waajiira haadhoo gamtaa Afrikaa Finfinnee jiru irraa dhaabatii kun oduu gabaastotaaf ibsa har’a kenneen biyyonni 16 caalaan ofii isaanii vaayrasii Koronaa jiraachuu qorachuu danda’uu.Torban tokko booda immoo laaboraatoriin dabalataa 20 banamuuf jiru.

Naayroobii Keniyaa keessatti yeroo ammaa leenjiin ogeessoota fayyaa kan gaggeeffamaa jiru yoo ta’u kunis buufa Donii fi Dirree Xayyaaraa irratti qorannoo gaggeessuuf ta’uun ibsamee jira.

Bakka lamatti hirmauun biyyoota 40 caalaa keessatti leenjiin kun akka itti fufuu ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG