Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Haawaannis Biyya Ishee Seenuu Beeksiifte Jirti


Haawaannis Gammojjii Ugaandaa fi Keniyaa keessatti oomisha eega barbadeessee booda amma Suudaan Kibbaa weereree jira.Mootummaan Suudaan Kibbaa akka jedhutti kana ittisuuf jecha Dolaara Miliyoona 19 caalaa walitti qabuuf yaalaa jira.

Ministeerri Nyaataa fi Qonnaa kan Sudaan Kibbaa Onyoti Adigo akka jedhanti Haawaannis kun Wiixata dabree Sudaan Kibbaa seene. Ogeessoota waajira isaanii fi kan jaarmayaan nyaataa fi qonnaa gamasitti erguun Haawaannis kun konyaa Magwi kan taa’an iddoo sadii seenuu isaa mirkaneessine jechuun Adigoon oduu gabaastotaaf Jubaa keessatti Kibxata kaleessaa ibsan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG