Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Vaayresii Koronaan Qabamanii Gad Xiqqaachuu Chaayinaan Beeksiste


Chainaan vaayresii korornaa baatii lama dura biyya ishee keessaa ka’ee lubbuu namoota 2000 galaafate akkaan gad bu’uu isaa beeksistee jirti.

Komiishinni eegumsa fayyaa biyyattii akka jedhetti roobii har’aa nama 394tu haaraa viresii kanaan qabaman. Kunis kan guyyaa isa dura ture fi namoonni 1749 qabaman irraa hedduu xiqqoo dha.

Namoonni 114ka biroon erga du’anii booda lakkoobsi namoota du’anii 2118 ga’ee jira. walumaa gala namoonni vaaresii kanaan qabaman 74,576 ga’ee jira.

Lakkoobsi kun gad bu’us jarmayaan fayyaa addunyaa faca’inni vaayresii kanaa akkam akka ta’e tilmaamuuf yeroon hin geenye waan ta’eef uummati akka of eeggatu beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG