Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen Sudaan Kibbaa Mootummaa Haaraa Hundeeffachuuf Walii Galan


Hoogganoonni diina walii turan kan Sudaan Kibbaa wal waaansa waggootii ja’aaf biyyattii addunyaa irraa haaraa taate mancaase xumuraan ga’anii mootummaa waliinii uummachuuf walii galtee irra ga’an.

Prezidaant Saalvaa Kiir fi hoogganaan garee mormituu Riyaak Machaar walii galtee kana kan labsan har’a magaalaa galma mootummaa Jubaa keessatti.

Prezidaant Kiir akka jedhanitti jimaata dhuftu Machaariin itti aanaa prezidaantii isaanii gochuun muudanii sambata immoo sirnaan mootummaa haaraa uumuuf kan jiran ta’uu beeksisan. Garen lamaan Fulbaana bara 2018 guyyaa kana walii galtee akka mallatteessan walii galanii turan.

Aangoo qooddannaa irratti wal loluun Kiir fi Machaar gidduu wal waraansa lubbuu uummata kuma dhibba hedduutti laka’amuu baduu akkasumas kanneen miliyoonaan laka’aman biyyattii keessaa akka baqataniif sababaa ta’e.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG