Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Nawaay Gabra –AB Du’an Boqotan


Mummicha ministeera itiyoophiyaa duraanii Mallas Zenaawiif gorsaa waa’ee nageenyaa kan turan Obbo Nawaay Gabra – AB wal’ansa fayyaa argachaa eega turanii booda har’a du’an boqochuu isaanii waajirri komunikeeshinii mootummaa bulchiinsa naannoo Tigraay beeksisee jira.

Obbo Nawaay baroota 1970taa kaasee Baankii Misooma Itiyoophiyaa fi Komishinii Karooraa keessa waggootii dheeraaf tajaajiluun isaanii ibsamee jira.

Mummicha Ministeeraa Mallasii fi Haayle Maariyaamiif gorsaa nageenyaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u daayreekteera institutii qorannaa misoomaa ta’uun hojjatanii jiran.

Kana malees dhaabattoota adda addaa kan tokkummaa motummootaa keessas gorsaa ta’uun hojjachuu isaanii seenanii isaanii ibsame ni agarsiisa jechuun Mulugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG