Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Humnoota Mootummaa Somaaliyaa fi Leellistoota Suufii Gidduutti Raawwatame Lubbuu Galaafate


Humnoota Somaaliyaaf finxaaleyyii islaamummaa Suufii gidduutti lolli geggeessamuu isaatu gabaasame.

Mootummaan Yunaayitid Isteetis walitti bu’iinsi akkasii duula al-Shabaab irratti geggeessamu gufachiisa jechuu dhaan ennaa inni akeekkachiisetti ture walitti bu’iinsi kun kan uumame.

Lolli sun kan raawwatame magaalaa guddoo Gaalmudug jedhamuuf bulchiinsa ofiin of bulchu keessatti yoo ta’u yoo xiqqaate namoonni 12 du’anii kanneen 20 ol ta’an madaa’uun beekameera. Walitti bu’iinsi sun kan ka’e prezidaantii naannoo Ahimed Qoor Qoor-n kanneen deggeran humnoota mootummaa Somaaliyaa fi Ahiluu Suunaa Waaljaamaa kan jedhamu humnoota garee deggertoota musliimota Suufii gidduutti ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG