Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Afriikaa Kibbaa Lammiiwwan Isaanii Chaayinaa Wuhaan Keessaa Baasuuf Jiru


Angawoonni Afriikaa Kibbaa Lammiiwwan isaanii 132 Wuhaan Chaayinaa irraa deebisuu kan jalqaban ta’uu prezidaant Siriil Ramaafosaa kaleessa galgala beeksisaniiru.

Wuhaan bakka vaayresiin Koronaa jalqaba keessatti argamee fi keessa faca’e ta’uun beekamaa dha.

Murtiin kun lammiiwwan biyyootii alaa magaalattii keessaa yoo hin bane wayya jechuu dhaan kan angawoonni Chaayinaa gorsan falleessa.

Namoota biyya isaaniitti deebi’an keessa vaayiresichaan kan qabaman keessa kan hin jiraanne ta’uu waajjirri Ramaafosaa ibseera. Tarkaanfiin kun kan fudhatame lakkoobsi namoota vaayiresii Koronaan qabaman heddummaataa wayita adeemetti.

Haa ta’u malee of eeggannoo itti dabalaaf namoonni kun ennaa deebi’an guyyoota 21f moggaatti qoodamuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG