Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Oromoo Hoogganoota Kiyya Ol’aanoo Irratti Yaaliin Ajjeechaa Geggeessamee Ture, Jedhe


Adda Bilisummaa Oromoo: Hoogganoota Kiyya Ol’aanoo Irratti Yaaliin Ajjeechaa Geggeessamee Ture
Adda Bilisummaa Oromoo: Hoogganoota Kiyya Ol’aanoo Irratti Yaaliin Ajjeechaa Geggeessamee Ture

Addi Bilisummaa Oromoo har’a waajira isaa muummicha, magaalaa Finfinnee, Gullalleetti argamutti ibsa gaazzexeessoftaaf kenneen, mootummaan Itiyoophiyaa hoogganoota dhaabichaa hiraarsee akka hidhaa jiru dubbate.

Sanbata dabre kana jechuun Guraandhala 29, bara 2020 poolisiin halkan hoogganoota ABO irratti mana isaaniitti yaalii ajjeechaa deemsisee jira, jedha – ibsi dhaabbatichi baase. Dhaabbatni mirga dhala-namaaf falmu ka sadarkaa addunyaa, Amnestii Internaashinaal, hidhaan jumlaa mormitoota irratti keessumaa hoogganoota ABO irratti ka deemsisamaa jiru tahuu ibsee, kan humnoota mootummaatiin Sanbata dabre qabame – hoogganni ol’aanaan dhaabichaa, Obbo Abdii Raggaasaa, yeroo ammaa eessatti akka hidhamanii jiran beeksisuun mootummaa irraa eegama, jedhee jira.

Itti-gaafatamaan waajira dhimmoota Koomiyunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Getaachoo Baalchaa gama isaaniitiin, “Obbo Abdii Raggaasaa eessa akka jiran ni beekama. To’annaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa jala,” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Addi Bilisummaa Oromoo Hoogganoota Kiyya Ol’aanoo Irratti Yaaliin Ajjeechaa Geggeessamee Ture, Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:38 0:00


XS
SM
MD
LG