Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasiin Koronaa Sochii Uummayaa Daangeessaa Jira


Fi

Weerara vaayrasii koranaa to'achuuf jechamootummonni sadarkaa adda addaatti ajajii dabarsaa jiran uummanni mana ofii keessaa akka hin bane ykn yoo xiqqaate lafa namoonni itti heddumaatan irraa akka fagaatan gaafachuun jireenya uummata miliyoona hedduu danqee jira.

Koriyaan Kibbaa fi Chaayinaan namoota gara biyya isaanii seenan jabinaan to'achuun lakkoofsa namoota koronaan qabanii guddaa hanqisee jira.

Hawasaaleen Amerikaas ugguura biyyonni lamaan hojii irra olchan hanga tokko hojii irra olchaa jiru.

Magaalaa akka Saanfraansiiskoo keessatti uummanni miliyoona 7 ta'u yoo akkaan barbaachisaa hin ta'iin akka mana keessaa hin baaneef labsamee jira.

magaalaa Waashiingtan Dii Sii keessattis manneen Sinimaa, bakki sochiin qaamaa itti gaggeessan(Jimii) fi manneen nyaata itti gurguran cufamanii jiru

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG