Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Dhukkuba Gifiraa Akka Hamaatti Babal’ate Dhaabuuf Wal’aansootti Jirti


Sudaan Kibbaa, vaayrasii koronaa, kan yeroo ammaa addunyaa rifachiisee jiru irraa haga ammaatti walaba taateyyuu, dhukkuba Gifiraa akka hamaatti biyya ishee keessa babal’ate dhaabuuf wal’aansootti jirti. Amajjii bara 2019 irraa jalqabee haga ammaatti namoota kuma afurii fi dhibba toorba tu dhukkubichaan qabame. Kanneen du’an 26.

Mootummaan Sudaan Kibbaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi dhaabbattoota ka biroo akka UNICE, GAVI, the VACCINE ALLIANCE fi kan nama muuziqaa beekamaa BONOn hundeeffame - ONE jedhaman wajjiin wal gargaaruudhaan, haga Caamsaatti, guutummaa biyyattii keessaa ijoollee miliyoona lamaa fi walakkaa tallaluuf hojjetaa jiru.

Duulli kun baatii Guraandhala dabree keessa Giddu-gala fayyaa ijoollee tokkittii biyyattii keessa jirutti jalqabame. Ka magaalaa Jubaa keessa maadheffate – Hospitaalli Daa’immanii Al-shabbah jedhamu kun, lammiwwan baay’ee iyyeeyyii magaalattii keessaaf ka tajaajila kennu yoo tahu, baatii tokko keessatti namoota kuma shanii oliif wal’aansa fayyaa kenna.

“Kanas tahee garuu, tajaajilli tallalii Gifiraa Sudaan Kibbaa keessaa lakkoobsaan gad-aanaa dha. Dhibba keessaa harka 59 irraa ol hin baane,” jedhu – ogeeyyiin fayyaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG