Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarkiin Biyyoolessaa Guddichi Koongoo Yeroof Cufame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Angawoonni Ripaablikii demoktaatawaa koongoo vaayresiin koronaa bineenswwan miidhuu mala soda jedhuun paarkii biyyoolessaa beekamaa kan sanyii Goriillaa keessa jiraatu cufanii jiran.

Paarkiin virunga jedhamu kaleessa kan cufame erga hayyoonni gooriillaan gaarreewwanii fi kanneen biroon dhibee vaayiresii kanaan dhufuu danda’uuf saaxilamoo dha jedhanii booda.

Paarikichi kan cufameef vaayiresii kana to’achuun rakkisaa waan ta’uuf namoonni heddumminaan dawwannaaf akka wal hin geenye gochuuf jecha. Angawoonni paarkiin kun cufamuuf yeroof ta’uu kan abdatan ta’uu ibsanii, garuu uummati hanga Waxabajjii 1 bara 2020tti daawwachuu akka hin dandeenye beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG