Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoon Amaaraa Wal Ga'iilee Gurguddaan Akka HIn Geggeeffamnee Ajaje


Magaala Baahir Daar
Magaala Baahir Daar

Naannoo Amaaraa keessatti har’aa qabee wal ga’iin gurguddaan kam iyyuu akka hin geggeessamne, bakkaawwan uummati yeroo kaan dhaqu martinuu akka cufaman gurmuun vaayiresii koronaa ittisuuf dhaabate beeksiseera.

Gurumuun komaand poostii itti aanaa bulchaa naannoo sanaa Dr. Faantaa Mandefroo hoogganamu kaleessa ibsa baaseen naannoo sana keessatti uggura hawaasummaa hedduu kan kaa’e ta’uu isaaf kunis yeroo hin murtaa’iniif akka ta’u beeksisee jira.

Guyyoota hanga tokko dura naannoo Amaaraa keessaa vaayiresiin kun keessatti argame jedhamuun kan shakkaman namoota ja’a keessaa 4 walaba ta’uu lama immoo ba’ii isaa eegaa kan jiru t’u waajjirri eegumsa fayyaa naannoo sanaa beeksisee ture, kaleessa ibsa kenname irratti lamaanuu walaba ta’uun ibsameera.

XS
SM
MD
LG