Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itioophiyaan Vaayiresii Koronaa Ittisuuf Jecha Daangaa Koon Cufa Jette


Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad
Faayilii - Mummee ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad

Vaayiresii koronaa ittisuuf jecha Itiyoophiyaan daangaa ishee kan cuftu ta’uu beeksiste. Ibsi waajjira muummicha biraa ba’e akka jedhutti humnoonni federaalaa imaltoota naannoo daangaa irra sosso’an kan qoratan ta’uu isaniif meeshaalee deddeebiif barbaachisan qofa akka eeyaman ajaji darbeera. Akka ibsa sanaatti humnoonni nagaa eegsisan vaairesii kana ittisuuf hawaasi akka walitti hin siqne ka jedhu kan hojii irra oolchan ta’uun illee beekameera.

Namoonni lama itti dabalaa vaayiresii koronaan qabaman argamuu ministriin eegumsa fayyaa fi institiyutiin eegumsa fayyaa Eth beeksianiiru. Kunis lakkoobsa namoota qabamanii 11 ga’ee jira.

Ibsa waliin tauun dilbata darbe kennaniin namni inni tokko kan umuriin waggaa 28 lammii itiyoophiyaa Beljiyemi Netherlaandsitti imalee deebi’ee fi kan umuriin waggaa 34 Dubaay irraa deebi’e ta’uu ibsaniiru. Namoota qabamanii turan sagal kanneen moggaatti qoodaman keessa saddeet haala wayyaawaa irra jiraachuu ibsi kun beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG