Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti namoonni Vaayiresiin Koronaa Qaban Lama Argaman


Naannoo Amaaraa keessaa yeroo jalqabaaf namoonni vaayiresiin koronaa qaban lama argamuu isaanii institiyutiin fayyaa fi miisteerri fayyaa Itiyoophiyaa beeksisaniiru.

Namoonni vaayiresichaan qabamuun mirkanaa’e jiraattota magaalaa Baair Daar kan ta’an dubartii umuriin waggaa 37 yoo ta’an Bitootessa 10 Dubaayi irraa deebi’an. Kaan immooi zoonii bulchiinsa Aawwii irraa dhiira umuriin waggaa 32 yoo ta’an Bitootessa 12 Ameerikaa irraa dhufan. Namoonni lamaan bakka namoonni tursiisaman seeraan utuu hin labsamin biyya seenuun illee gabaasameera.

Namoonni lamaan nama irraa adda baafamanii bakka tursiisaman kan jiran yoo ta’uu waajjiraaleen lamaan fuula marsariitii isaanii irratti maxxansaniiru.

Gama biraan komaandi poostiin naannoo sanaa vaayiresii koronaa ittisuuf hundeeffame kaleessa walakkeessa halkanii qabee gama adda addaan geejjibi uummataa gara naannoo sanaa seenu ugguramuun beekamee jira.

Institiutiin fayyaa hawaasaa fi miisteerri fayyaa akka ibsanitti hanga ammaatti raga argameen lakkoobsi namoota Itiyoophiyaa keessaa vaayiresii koronaan qabamanii 23 ga’ee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG