Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Vaayirasii Koronaatiin Dabalataan Namoonni 3adii Qabamuun Himamee


Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaatiin dabalataan namoonni sadii qabamuun himamee jira. Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa hanga gabaasaan kun qophaawetti sa’atii 24 keessatti qorannnaa Laaboraatorii namoota 68 geggeesseen, namoonni sadii vaatyiresichaan qabamuu mirkaneesse. Kan har’a beeksisame kana dabalatee Itiyoophiyaa keessatti Vaayirarsii Koronoon qabame 29 tahuu isaa ti.

Namoonni Vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkaneessamee sadeenuu lammiwwan Itiyoophiyaa ti. Tokko dubartii umuriin waggaa 23 yoo taatu, nama ammaa dura Jabutii, Biraazil, Hindii fi xumura irratti Koongoo Braazaavilitti imalte tahuun beekamee jira. Mallattoon dhukkubichaa waan irratti mul’ateef, iddoo kophaatti tursiisan geessamtee eega qorannoon irratti geggeessamee booda dhukkubichaan qabamuun ishee mirkaneessame – jedha, Instiitiyootiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa. Dhukkubsataan lammataa immoo dhiira umuriin waggaa 26 yoo tahu, haalli hojii isaa imaltoota adda addaa wajiin kan wal isa quunnamsiisu, jedhama. Sadaffaan immoo dhiira umuriin 32, kan nama duraan vaayirasichaa qabamuun isaa beekame waliin wal-quunnamee ture akka tahe tu himame. Lameenuu shakkiidhaan eega gara bakka kophaatti nama tursiisan geessamanii booda qorannaa irratti geggessameen Vaayirasii Koronaan qabamuun isaanii mirkaneessame.

Yeroo ammaatti, Itiyoophiyaa keessatti Waaltaa Fayyaa namoonni adda-baafaman itti wal’aanaman keessa namoonni 25 ka jiran yoo tahu, namoonni lama dhukkubichi waan itti cimeef, kutaa namoonni cimaa dhukkubsatanitti hordofiin wal’aansaa taasisamaafii akka jiru institiyuutichi beeksisee jira. Ammaan dura akka himametti namoonni dhukkubsatan lama guutummaatti dhukkubicha irraa dandamatanii jiran. Garuu, of eeggannaaf jecha, ammallee adda baafamanii akka jiran tu himame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG