Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Filannoo Biyyoolessaa Dabarsuu Beeksiste


Itiyoophiyaan filannoo biyyoolessaa silaa Hagayya dhufutti karoorfattee turte sababaa dhukkuba Vaayiresii Koronaatiin dabarsuu ishee beeksistee jirti. Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa ibsa kaleessa baaseen, haala dhukkubni daddabraan kun itti mul’ataa jirutti sochiilee filannoo gochuun kan hin danda’amne tahuu beeksisee, “sababaa kanaaf, boordichi sagantaa filannoof ba’e haqee, sochiilee filannootti hidhata qabanis dhaabee jira,” jechuun hubachiise.

Akka seeraatti, mootummaan muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimadiin durfamu, baatii Fulbaanaa irraa jalqabee biyyattii hoogganuudhaaf aboo hin qabu. Kanaaf, boordichi dhimma isaa gara Paarlaamaa biyyattiitti ka dabarse yoo tahu, Paarlaamaan immoo haala itti seera-qabeessummaa mootummaa amma taayitaa irra jiruu dheeressuu danda’u irratti dubbata – jedha, gabaasaan VOA – Melleskaachew Ammahaa, Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG