Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaaiynaan Sababaa Vaayiresiin Koronaa Hammaataa Adeemeef Dinagdee  Ishee Miidhame Dandammachiisuuf Abdiin Qabaatte Hin Milkoofne


Vaayiresiin koronaa biyya ishee weeraruu dhaan dinagdee ishee gad bu’e irraa battala dandammachuuf kan abdatte Chaayinaan weerarrichi sadarkaa addunyaatti hammaachuun isaan kan ka’e lafa irra harkifachuun beekamee jira.

Meeshaawwan warren gama dhiyaa bituuf ajajanii turan hambisuun oomishi akka dhaabatu dirqisisee jira. Kaan isaanii kan akka meeshaa wal’aansa fayyaa fi maaskii oomishuutti jijjiranii jiran.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti kun gara fuula duraatti namoonni hojii akka dhaabaniif sababaa ta’ee, baarattoota Yuniversitii eebbifaman kanneen miliyoona sagal ta’an hojii male hambisuu malae.

Addunyaan amma iyyuu Chaayinaa irraa Maaskii kan bitatu yoo ta’u guyyaatti hanga miliyoona 200tti oomishama.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG