Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Dirree Dhawaa Namni Vaayiresii Koronaan Qabame Ka Jalqabaa Miliquun Nu Yaaddesse Jedhu


Jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa namni vaayiresii koronaan jalqaba qabame jedhame hatattamaan barbaadamee arguu dhabuun isaan yaaddessuu dubbatu.

Kan nama sana waliin wal arganii turan dubartiin umuriin waggaa 33 har’a vaairesiin kun keessatti argamee jira. Bulchiinsi magaalattii namoota kanneen biroo nama sana waliin wal arganii turan adda baasanii qofaatti kaa’uu, ykn manaa akka hin baane ittisuu isa jedhu gidduu hin murteessin jira jechuu dhaan Addis Chekol Dirre Dhawaa irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG