Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayiresiin Koronaa Uummata Addunyaa Miliyoona Tokkoo Ol Qabuun Himame


Vaayiresiin koronaa addunyaa irraa uummata miliyoona tokkoo ol qabuun gabaasame. US keessaa namoonni kuma 200 fi kummi 45 qabamaniiru.

White House kana dura faca’ina vaayiresii kanaa ittisuuf maaskii kaayyachuun hin barbaachisu kan jedhee ture, har’a garuu uummati faca’ina ittisuuf maaskii kaayyachuu qaba jedhee beeksisa jedhamee eegama.

Kantiibaan magaalaa New York Biil de Blaasiyoo jiraattonni New York hucuu harkaan hojjetame ykn skaarfii afaanitti akka maratu uummata yaadachiisaniiru. Maaskii ogeessota fayyaaf oolu garuu ogeessotaaf dhiisuu qabna jedhan.

Bulchaan Los Angeles Erik Garseetiis uummati ennaa ala ba’u afaanii fi funyaantti akka haguuggatu yaadachiisaniiru.

Kan prezidaant Traampiif gorsaa ta’an hayuun dhimmootii dhukkuboota daarqiqaa Dr. Antonii Faauchii kaleessa galgala CNNf ibsa kennaniin ennaa vaayiresii koronaatti duulaa jirru kanatti kutaaleen martinuu maaliif mana akka tursaman hin labsamne jechuu dhaan.

Kutaaleen US 30 Washington DC dabalatee yoo barbaachise malee uummati manaa akka hin baane ajajaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG