Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daldalli Caatii Dirree Dhawaa Keessaa Itti Fufe


(Suuraa faayilii)

Dirre Dhawaaa keessaa akkaataan daldala caatii isa weerarri vaayiresii koronaa utuu hin uumami duraattii hagasi garaagarummaa hin agarsiisne jedhamee jira. Institiyuutiin fayyaa hawaasaa kuduraalee of eeggannoon akka itti fayyadamu, Caatiis yoo ta’e danda’amnaan akka dhiisu yoo ta’uu baate immoo qulqulleessee akka itti fayyadamu gorsa kennee jira. Bulchiinsi naannoo haalli gabaa naannoo ni fyyeffama jedhee jira

Erga weerara vaayiresii koronaa qabee Dirre Dhawaa keessaa tajaajilli geejjibaa dhaabateera. Hoteelonnii fi maneen bunaa irra hedduun cufameera. Bakkeewwan gabaa gurguddoon Ashawaa fi Taayiwaan jedhaman cufamaniiru. Sochiin uummataas akkaan gad xiqqaateera.Daldalli caatii naannolee akka Tigraayii guutummaatti naannoo Amaaraa bakka tokko tokkotti bittaa fi gurgurtaan caatii dhaabatee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG