Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Briteen Fayyummaan Isaanii Gaarii Ta’uutu Gabaasame


Muummichi ministeeraa Briteen Booris Joonsen vaayiresii koronaan qabamanii guyyaa lamaaf kutaa wal’aansa fayyaa yeroo hatattamaa hospitaala London keessa erga turanii booda roobii har’aa haala wayyaawaa irra jiraachuu beekamee jira .

Ministeerri eegumsa fayyaa Edwaard Argaar akka jedhanitti Joonsen haala wayyaawaa fi hafuura gaarii qabu jedhan. Muummichi ministeeraa Briteen dilbata darbe erga mallattoon dhibee irratti argame hammaataa adeemee booda.

Torban lamaaf cufataatti kan jirtu briteen keessaa namooni kummni 56 vaayiresii koronaan yoo qabaman 6100 immoo du’aniiru. Kooriyaan Kibbaa akka biyyoota ka biro qajeelfama namoonni manaa akka hin bane godhu hin hordofne, garuu faca’inni vaairesii kanaa haaraa akka hin facaane lakkobsi isaa akka gad xiqqaatu gochuutti milkooftee jirti. Wal irraa hiiqinsa namootaa hojii irra ooleeraa maneen barnootaa garuu cufaatti jiru.

Yunaayited Isteetis keessaa namoonni kummi 400 ta’an vaayiresii koronaan qabamaniiru. Neww York bakka vaayiresiin kun akkaan keessa faca’e yoo ta’u, kaleessa qofaa namoota 700 oltu du’an. Jarmanii keessaa namoonni kummi 100 vaayiresii Kanaan yoo qabamanii jiru. US, Spain, Xaaliyaanii fi Ferensaayitti aansee lakkoobsa guddicha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG