Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Issteetis WHO Irra Uggura Deggersa Maallaqaan Kaa’a Jette


Yunaayitid Isteeis jarmayaa fayyaa addunyaaf maallaqa kennu irra uggura cimaa kan kaa’u ta’uu prezidaant Doonaald Traamp kaleessa dubbatanii jarmyichi weeara vaayiresii koronaa haalli inni itti qabe sirrii miti jedhan.

Traamp kana kan beeksisan tuuta oduuf White Housitti ennaa ibsa kennan yoo ta’u jarmiyichi Chaayinaaf akkaan baabsa, kana sirriitti ilaaluu qabna jedhan. Yunaayitid Istees adda durummaa dhaan biyya WHO deggertu.

Ennaa weerarri vaayiresii koronaa hammaatee jiru kanatti jarmayaa kana irraa maallaqa deggersaa kutuun gaarii dhaa jechuun gaazexeessota biraa gaaffii dhiyaatgeef Traamp ennaa deebisan kana nan godha hin jenne jechuun haalanii, yaada isaanii fooyyessuu dhaan haala isaa ni ilaalla jedhan.

WHOn battala yaada Traamp kennaniif deebii hin kennine. Sa’aatile hanga tokko dura dubbi himaan Tokkummaa mootummootaa Stephane Dujariik WHO irratti qeeqa dhiyaatu walumaa gala qeequu dhaan vaayiresii koronaa ilaalchisee qajeelfama guutuu addunyaa kennuu, mootummootaaf leenjii kennuu akkasumas meeshaalee miliyoonaan laka’aman biyyoonni faca’ina vaayiresichaatti akka duulan erguu dabalatee hojii guddaa hojjete jedhan.

Gama bieaatiin prezidaant Traamp gaaffii gaazexeessonni bulchiinsi isaanii akeekkachiisa jalqabaa kan vaayiresiin koronaa addunyaa US doolaara triliyoonaan laka’amu baasisiuu mala uummata hedduu illee galaafachuu mala jechuun kenname calliinsaan bira tare jechuun dhiyaate jechaan dha’anii bira darban.

Gorsaan dhimma daldalaa Traamp Piter Navaroo Amajjii 29 ennaa vaayiresiin koronaa biyyoota hanga tokko keessatti argame gumii nageenya biyyoolessaa akeekkachiisanii turan. Traamp garuu yaadachiisa Navaaroo hin argine, yaaduma isaan dhiyeessani, kan isaanitti dhaga’ame dubbatan jedhan. Traamp ennaa sana vaayiresii koronaa haaraa akka hin facaane ni ittisna jedhanii, haasaa Amajiji 30 dhageesisaniin vaayiresii koronaa ilaalchisee haala gaarii dhaan irra aanna jedhanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG