Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Yeroo Duraaf Namni Vaayirasii Koronaan Qabame Biyya Ishee Keessatti Argamuu Beekiste


Sudaan Kibbaa yeroo jalqabaatiif namni Vaayirasii Koronaatiin qabame biyya ishee keessatti argamuu Dilbata dabre kana beeksistee jirti. Biyya Afrikaa dhukkubichi keessatti mul’atuun boodatti hafee ture – Sudaan Kibbaa keessatti hojjetoota jaarmayaa Tokkummaa Mootummaa biyyattii keessa jiran keessaa tokko irratti ka vaayirasichi argame. Wal-waraansi yeroo dheeraa fi hanqinni gargaarsa maallaqaa caasaa fayyaa Sudaan Kibbaa ka boodatti hambisee jiru yoo tahu, yoo eegumsi guddaan hin taasisamneef, vaayiresichi takkaa biyyattii keessa tatamsa’uu eegallaan balaa guddaa itti fiduu mala jedhamee sodaatama.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Sudaan Kibbaa Yeroo Duraaf Namni Vaayirasii Koronaan Qabame Biyya Ishee Keessatti Argamuu Beekiste
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:55 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG