WAASHINGITAN, DIISII —
Manni marii ministeerootaa kan Itiyoophiyaa qajeelfamoota labsii hatattamaa baasuuf kan jiru ta'u haatii alangaa mummittiin kan federaalaa Aaddee Adaanach Abeebee ibsani jiru.
Guutummaa Itiyoophiyaa keessatti baatii shaniif kan hojii irra oolu labsiin yeroo hatattamaa kun kaleessa Mummicha ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmadiin ibsamee jira.
Garuu waan dhorkaa ta'anii fi hin taanee of keessaa hin qabu ture.
Isa kana irratti manni marii ministeerootaa ka biyyatti hojjatee isa raggaasisee dhiyeessu paarlaamaan bor sagalee irratti kennuuf jira.
Aaddee Adaanach akka jedhanti labsii kana kan hojii irra oolchu Komaand Poost otoo hin taane mana mare ministeerootaa ti.