WAASHINGITAN, DIISII —
Hidhattonni mootummaan Jabuutii baqattoota Itiyoophiyaa 31 humnaan karaa daangaa biyya issanti akka deebi;an godhe yeroo ammaa bulchiinsa naannoo Afaar Yunivarsitii Samaraa fi mana barumsaa Eldeer jedhamu keessa qophaa ka'amanii akka jiran dhaabatii fayyaa nannoo sanaa ibsee jira.
Karaa daangaa biyyoota lamaanii ce'uun otoo hin taane karaa daangaa haaraan biyya isaanii akka seenan dirqisiifaman jedhameera.
Baqattoota humnaan deebisuun kun akka dhaabatu gochuuf mootummaan Federaalaa kan Itiyoophiyaa mootummaa Jabuutii wajjiin akka dubbatuuf aangawoonni naannoo Afaar hubachisanii jiru.