Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Baahir Daar Uummata Harka Qalleeyyii Gargaaraa Jiran


Jiraattonni magaalaa Baahir Daar sababa sochiin uummataa uggurameef lammiiwwan nyaata guyyuu argachuu dhabaniif deggersa gochaa kan jiran ta’uu koreen gurumuu ittisa vaayiresii koronaa beeksisee jira.

Qindeessaan koree kanaa obbo Mulugeetaa Biyaazin akka jedhanitti hanga yoonaa qarshiin miliyoonni lamaa ol walitti qabameera, guyyaa guyyaattis hawaasichi midhaan nyaataa walitti qabee ni erga, akkuma kanaanis lammiiwwan daandii irra jiraataa turaniif kan oolu ta’uun ibsameera.

Dargaggoonni magaalattii tajaajila tola ooltummaa irratti boba’anis manaa mana irra naanna’uu dhaan namoota daandii irra jiraataniif nyaata oolu jiraattota irraa walitti qabaa jiru. Bulchiinsi magaalattiis qaama hawaasaa harka qalleeyyii ta’aniif mana isaaniitti nyaata raabsuufii jalqabee jira jechuun Aster Misganaw Baahir Daar irraa gabaasteetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG