Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoonni Eegumsa Fayyaa Magaalaa Hawaasaa Uummata Dadammaqsuuf Daandiitti Ba’an


Weerara vaayiresii dhabamsiisuun kan danda’amu tattaaffii qinndoome kan lammiiwwaniitiin malee, qaama murtaa’e qofaan kan akka hin ta’in ogeessonni fayyaa bulchiinsa magaalaa Hawaasaa har’a daandilee magaalattii keessa miillaan deemuu dhaan dadammaqiinsa kennaa turan dubbatanii jiru.

Gama biraatiin magaalattii keessa deddeebi’uun dadammaqiinsa kennaa kan turan kantiibaan magalattii obbo Xiraatuu Beyeyne gabaa irra uggurri kaa’amus sochiin uummataa amma iyyuu sadarkaa yaaddessaa irra kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG