Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyanni Du’aa Ka’uu Yesuu Kirstoos Kan Baranaa Isa Waggoota Darbeettii Haala Adda Ta’een Kabajamaa Jira


Kirstaanonni miliyoonaan laka’amu kan naannoo addunyaa Gooftaa Yesuus Yerusalme keessatti guyyaa itti fannisame har’a yaadatanii oolan. Aadaan ayyaanichaa wagga kana isa kan yeroo biraatti adda. Hordoftoonni amantii kirstaanaa sirna geggeessamu waldoolii kirstaanaatti qooda wal ga’an sababaa weerara vaayiresii koronaan kan ka’e miidiyaalee adda addaa irraa hordofaa jiran.

Uummati addunyaa irra hedduun faca’ina vaayiresii kanaa ittisuuf jecha mana ofii keessaa hin ba’an. Waaltaan qorannaa vaayiresii koronaa kan Joons Hopkins akka beeksisetti uummata miliyoona 1.6tu vaayiresichaan qabaman. Yunayitid Isteetis addunyaa irraa bakka vaayiresiin kun itti hammaate yoo ta’u namoota 446,000 ol ta’utu vaayiresichaan qabame. Ispeen keessaa namoonni 153.222 vaayiresichaan yoo qabaman Xaaliyaanii keessaa immoo 143,626tu qabame.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Gutees akka jedhanitti weerarri vaayiresii kanaa nagaa fi tasgabbii addunyaaf balaa hamaa dha jedhanii hookkarri fi jeequmsi hawaasa gidduutti ka’u dhibee kanatti duuluuf dandeettii ijiru akkaan dadhabsiisa jedhan. Antoniyoo Guterees kaleessa cufataatti wal ga’ii gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa geggeessuu isaanii ergaa maxxanfame kan yaada isaanii of keessaa qabu irraa hubachuun danda’ameera.

Prezidaant Doonald Traamp kaleessa ibsa vaayiresicha ilaalchisuun kennan irratti namoonni hangi tokko kanneen vaayiresichaan qabaman mallattoon dhukkubaa kan irratti hin mul’anne ta’u iyyuu heddumminaan qorannaan haa geggeessamu isa jedhu waan itti yaadan hin fakkaatu. Waa’ee uummata miliyoona 325ti kan dubbataa jirru, kun waan ta’u miti jedhan. Biyyoonni kam iyyuu kana hin goone, kanneen qorannaa geggeessanis yoo ta’e murtaa’aa dha jedhan.

Bulchiinsi Traam akkaan kan irratti fuuleffate sababaa vaayiresii Kanaan cufamee kan jiru dinagdeen Ameerikaa yoom deebisee banama isa jedhu irratti. Lammiiwwan Aimeerikaa miliyoona 16 ol ta’an deggersa hoji dhabulummaaf iyyatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG