Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan Gaazexxessoota Hiitan Hikaa: Gareelee mirgaf qabsa'an


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Vaayrasiin Koronaa ardii Afrikaa guutummaatti faca'aa yeroo jiru kanatti Gaazexxeessonni Afrikaa keessatti hidhamanii jiran akka gadhiifamaniif gaaffiin dhiyaatee jira.

Garee mirga Gazexxesootaaf falmu ykn CPJ garlee walabummaa preesiif akkasumas mirga dhala namaaf qabsa'an 80 caalaatu hogganoota mootummoota Afrikaa kudhaniif xalayaa erge.

Yeroo amma Afrikaa keessatti Gazexxeessonni 73 hidhaa keessa kan jiran yoo ta'u 26 Masrii keessatti 16 Ertraa keessatti akkasumas 7 Kaameeruun keessatti ta'uun ibsamee jira.

Kanneen Ertraa keessatti hidhamanii jiran bara 2001 kaasee yoo ta'u sababaa yakka hojjataniif otoo hin taane hojii Gaazexxessummaa waan hojjataniif hidhaman jedhu.

Gaazexxessonni kun adaba du'aaf achii keessa akka hin ka'amne mirkaneessuu qabna jedha gareen mirga Gazexxesootaaf falmu CPJn.

Gabaasaa Guutuu Caqasaa

Afrikaan Gaazexxessoota Hiitan Hikaa: Gareelee mirgaf qabsa'an
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:38 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG