Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yoo vaayireesii koronaa ufi irratti argitan ‘hin rifatinaa gorsuma ogeessa fayyaa caqasaa’ jedha Caalaa Bantii Beeljiyeemitti dhiba kana irraa fayye


Caalaa Bantii Beeljiyeemitti dhiba kana irraa fayye
Caalaa Bantii Beeljiyeemitti dhiba kana irraa fayye
Yoo vaayireesii koronaa ufi irratti argitan ‘hin rifatinaa gorsuma ogeessa fayyaa caqasaa’ jedha Caalaa Bantii Beeljiyeemitti dhiba kana irraa fayye
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:27 0:00

Vaayireessiin koronaa nama adduyaa miliyoona 1 kuma 500 caalaa irratti argan. Kuma dhibba hedduutti fayyee kuma kurnya hedduu galaafate.

Caalaa Bantii gara torbaan sadiin duratti milikeeta dhiba kanaa ufi irratti arge. “Funyaanuma kana keessaa wanti akka abaqii natti mullachuutti kahe.Qaamni na dadhabuutti kahee booda doktora bira deeme.”

Caalaan warra kuma dhibba hedduu vaayireessii kana dandamte keessaa tokko.Dhibii kun eessaa akka itti dhufe hin beeku. Taatullee gaafa tokko gabaaa dhaqe. Waan mi’a gabayaa bitatan itti guurratan ‘Cart’ namii hedduun qaqqabate harka duwwaa oofe.

Gaafas ammoo dhibii kun biyya innii jiru Beeljiyeem guddoo keessatti hin mullanne. Amma ammoo nama 3,000 caalaa achii galaafate.

Caalaan dhiba kana wallaanachuuf qorsa dadhabii nama fayyisu kennaniif. Achii manatti galee mana kophaatti galee maatii wal hanqate. Torbaan tokko kophaa taahee eegee funnaan hidhatee gadi bahe.

Jajjabaachaa dhufee jennaan doktoralleen wal mari’atee amma maatiin walti deebi’e taatullee torbaan dhufu keessa doktora bira dhaqee ufi laalaa jedha. "Dhukkubicha caalaa rifaatuutti nama ajjeesa kanaafuu hin rifatinaan jedha," jedhe Caalaan.

Haga kophaa jiru jaartiin isaa fagoo lallabdee ‘nyaatii qophaa’e’ jetti yoo ani hufu namuu hin jiru baqatee mana cufatee tataa’a kolfee dubbata. Maatiin isaallee akka Caalaan jedhetti naguma qaba.

Dhiba kana namuu woma beekuun ufi irraa eega. Caalaan duraan dhiba dhibiillee qabaachuu baadha ammallee ”Waaqayyoodhumatti na eege" jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG