Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Mooyyaleetti Qorannoo Kooronaa’f Kan Oolu “Laaboraatorii” Hundeessuu Qaba’ - Jiraattota


Faayilii - magaala Moyyalee
Faayilii - magaala Moyyalee

Akka jiraattonni Magaalaa Mooyyalee Sagalee Ameerikaaf himanitti, mootummaan Federaalaa ammas daangaa haa cufamuu ha jedhu jiraattonni daangaa qaxxaamuruun hin dhaabbanne.

Mootummaan Mooyyaleetti Qorannoo Kooronaa’f Kan Oolu “Laaboraatorii” Hundeessuu Qaba’ - Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:39 0:00

Jiraataan maqaan isaanii Duuba Dabbasoo jedhaman haalli jiru sodaachisaa jedhan. Obbo Duubi dabalanii yoo dubbatan dhiyeenya kana Kutaa bulchiinsa Mandeeraa ka daangaa Keeniyaa fi Itiyoophiyaarratti argamtu keessatti nami lama dhibee kooronaan qabamuun waan mirkanaa’eef dhibeen kun as Mooyyaaleetti cehuu mala sodaa jedhuu qabnaa jedhan. Kanaafis jiraataan kun mootummaan laaboraatoriin namootni dhukkuba kanaan qabamuun isaanii shakkame tokko magaalaa Mooyyaleetti dhaabuu qabaa, jedhan.

Obbo Jaarso Mallisee, Hoogganaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Mooyyalees sochiin namaa hin akka hin dhaabbanne dubbatanii waajjirri isaanii barbaachisummaa Laaboraatoorii kanaatti ni amanaa jedhan.

Obbo Jaarso dhiyeenya kana Mooyyaleetti namoota lamarratti mallatoon koronaa mullatee dafnee qorannoo namoota shakkine kanaas adda baafachuun nu rakkisee turee jedhan. Kanarrattis Mooyyale bakka daldalaa ta’uun, fulaa daanagaa biyyaa lameenii akkasumas bakka Naannoon Oromiyaa fi Soomalee itti wal daangessan waan ta’eef giddu galli laaboraatorii Kooronan itti qoratamu magaalaa kana keessitti ‘hatattamaan’ barbaachisa jedhu

Obbo Birhaanuu Boonaa bakka bu’aa waajjira koomiwunikeeshinii Aanaa Mooyyaleeti. Sochii daangaarraa to’achuun maaf hin danda’amnee jechaan gaafatamanii, daangaan biyyoota lamaanii ballaa waan taheef karaa hinda qorachuun hin dandaa’amuu jedhan. Ta’us mootummaan haga danda’ame namootni dhufan qoratamanii akka seenan taasisaa jira jedhan. Warri utuu hin beeksisin dhufee daangaa qaxxaamuree ollaa seenus bulchiinsi gandaa akka hordofuu kallattiin kaa’ameera garuu kun keessumaa ollaa naannoo shanitti hordofamaa hin jiruu jedhan.

Obbo Birhaanuun Moyyaale magaalaa daldalaa waan taateef sochii dhaabuun ulfaatadha kanaaf mootummaan naannoo akka meeshaa qorannoo dhaabus bulchiinsi aanaa karaa Godina boorana gaafatee akka jiru dubbatanii jiru.

Gaaffiin Buufata qorannoo laaboraatorii Vaayresii Kooronaa hundeessuu ka dhiyaateef Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatiifi; Hoogganaan Biirochaa Dookter Abdulqaadir Galgaloo, mootummaan naannoo Oromiyaa torbee as dhufaa jiru kana Oromiyaa keessatti giddu gala qorannoo laaboraatorii Kooronaa bakka shanitti jechuun, Adaamaa, Asallaa, Haramaayaa, Jimma fi Naqamtetti banuuf akka jedhu dubbatanii jiran. Dabalaniis Biiroon eegumsa fayyaa Oromiyaa godinaalee fi aanolee Oromiyaa fageenyarratti argaman keessattis meeshaa qorannoo kana dhaabuuf Karoora qabaa jedhan. Godinaaleen fageenyarraa ka gaaffii kana dhiyeeffatanis, Baalee, Qellem Dambi Doolloo, Mooyyalee, giddu galeessa irraammoo Shaashamannee ta’uu ifoomsan

Dookter Abdulqaadir; Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa meeshaa kana akka argateenis naannolee eeraman kanaaf dursa akka kennu himanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG