Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayiresiin Koronaa Haadholiin Itiyoophiyaa Mana Keessatti Akka Da’an Dirqiseese


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Uguuri imalaa Itiyoopiyaa dubartoonni ulfaa manatti akka da’aniif dirqisiise jedhu hojjettoonni eegumsa fahyyaa. Obbo Kennesaa Kumarraa dubartii ciniinsuun qabe irraa bilbilamuufiin guyyaa guyyaatti waanuma baratame.

Baatii darbe erga Itiyoophiyaan faca’ina vaayiresii koronaa ittisuuf jecha uggura imalaa keessee as Adaamaatti kan argamuu fi Finfinnee irraa fageenya km 100 ta’u irratti kan argamu waaltaan fayyaa durbartootaa kan Marie Stoopes jedhuuf obbo Kennesaan hoogganan dubartii da’umsi qabee mana yaalaa dhaqqabuun rakkisaa itti ta’e irraa bilbila hamma kudhan ta’utu guyyaatti bilbilamaaf.

Haalli kun jedhan obbo Kummarraan keessumaa naannolee iyyyeeyyii ta’anii fi ambulaansin hin jirre bakka fageenya gabaabaa iyyuu deemuun rakkisaa ta’eef yaaddessaa dha jechuun VOAf ibsaniiru.

Vaayiresiin Koronaa Haadholiin Itiyoophiyaa Mana Keessatti Akka Da’an Dirqiseese
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:49 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG