Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeerri Dantaa Alaa Ameerikaa Itiyoophiyaa Deggersa Geejjiba Xayyaaraa Isaani Gootuuf Galateeffatan


Sabababaa vayiresii COVID-19 jedhamuun danqaa geejjibaa fi imalaa uumamneen biyyoota adda addaa keessaa mala ittiin ba’an dhabanii rakkataa kanneen turan lammiiwwan Ameerikaa baasuuf, daandiin balalii Itiyoophiyaa deggersa wal irraa hin cinne gochaa jiruuf ministeerri dhimma alaa US Maayik Pompeeyoo muummicha ministeeraa Abiyiif bilbiluun galateeffataniiru.

US Itiyoophiyaa deggeruuf murannoo qabdu kan itti fufutu ta’uu isheef balaa fayyummaan sadarkaa addunyaa murdate kana furuuf michoota ishee naannoo addunyaa jiran waliin hojjechuu kan itti fuftu ta’uu Pompeyoon muummicha ministeeraa Abiyiif mirkaneessuu isaanii kaleessa waajjira ministricha dhimma alaatii ibsi ba’e beeksiseera.

Muummichi ministeeraa Abiyii fi ministriin dhimma alaa Ameerikaa barbaachisummaa hariiroo Ameerikaa fi Itiyoophiyaa akkasumas biyyoonni lamaan wal ta’uun kan irra jiraatu dhimmootii ijoo kan naanoo irrattis mari’achuu isaanii ibsi dubbi himaa ministeerichaa kun itti dabaluun beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG