Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Yeroo Itti Dinageen Ameerikaa Deebisee Banamu Murteessuuf Aangoo Qaba Jedhan


Prezidaant Doonaald Tramp vaayiresii koronaa ilaalchisuun kan cufame dinagdeen Ameerikaa yoomii fi akkamiin akka deebisee banamu murteessuuf aangoo guutuun qaba jechuu dhaan Wixata darbe dubbataniiru. Adda baasanii garuu yoom akka ta’u hin dubbanne.

Gareen hojii qonnaa fi hojii kuusaawwan midhaaniif falman, rakkoo oomishaa fi ba’iin oomishaaa sababa maneen nyaataa cufamaniif manca’aa jiruu akkasumas fedhiin nyaataa namoota galii isaanii dhabanii heddummaataa adeemee ilaalchisee kanneen sagalee isaanii dhageessisanitti dabalamanii jiru.

XS
SM
MD
LG