Dubartiin Ameriikaa kutaa Las Veegaas keessa kan jiraatan abbaa warraa isaanii abbaa ijoollee sadii obbo Eggaamoo Kiyyaa Ejjetaa jedhaman du’uu isaanii dubbatan. Aadde Abarraash Oromoo ofii isaaniifis vaayiresii koronaan qabamuu isaanii dubbatanii anis ijoollee koo irraan du’a yaaddoo jedhu qabaachuu isaanii ibsan. Abbaan warraa koo ijoollee koo duratti du’e, maatii koo gadda guddaa keessa nu buuse jedhan.
Gama biraan Ameerikaatti ambaasaaddera Ameerikaa VOAf gama Skype ibsa kennaniin lammiiwwan Itiyoophiyaa fi lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Itiyoophiyaa kenneen US keessa jiraatan sababaa maneen kunuunsa maanguddootaa akkasumas tajaajila barbaadamu ka biro keesssaa hojjetaniif jecha vaayireii Kanaan qabamuu malu jedhan.
Lammiiwwan Itiyoophiyaa kanneen vaayiresiin kun keessatti argame akka lammiiwwan Ameerikaatti galmaa’anis hanga ammaatti lammiiwwan Itiyoophiyaa 100 ta’an vaayiresii Kanaan qabamuunn du’aniiru jedhan.
Amaasaadderichi itti fufuu dhaan odeeffannoo kana kan argatan garaa waldoolii fi dhaabolii Itiyoophiyaan ta’uu isaaniif hedduu gadduu isaanii illee ibsanniiru. Lammiiwwan Itiyoophiyaa yeroo mara maalaqaa fi meeshaalee biyya isaaniif erguun gargaaru jedhan jechuu dhaan Tsiyoon Girmaa gabaasteetti.