Xurree ittiin seenan

Breaking News

Meeshaaleen Ittisa Koronaaf Oolu Biyyoota Afriikaaf Raabsamuu Jalqabe


Sagantaan nyaata addunyaa kan tokkummaa mootummootaa meeshaalee ittisa vaayiresii koronaaf gargaaru waaltaa Finfinnee jiru irraa garga biyyootii Afriikaa adda addaa raasuu jalqabuu isaa beeksisee jira.

Itiyoophiyaatti daayriktera WFP kan ta’an Steven Were Omaamoo meeshaaleen gargaarsaa marsaa duraa biyyoota Afriikaa adda addaatti ergamuu isaa mirkaneessaniiru. Meeshaalee kana jalqaba kan argatan Gaanaa fi Afriikaa Kibbaa ti.

Daayirekterichi akka jedhanitti meeshaaleen kun meeshaa ittiin of eeggannoof ta’u, kan qorannaa ittiin geggeessan, haguuggii funyaanii fi afaanii ykn Maaskii fi meeshaa hafuura baafachuuf gargaaru Ventilator ta’uu ibsaniiru jedha Eskinder Frew Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG